Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee miseensoota Kongireesii fi qaamolee bulchiinsa haaraa Ameerikaaf ibsa taasiisaniiru

Finfinnee, Amajjii 22, 2013 (FBC ) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaan Makonniin haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee miseensota Kongireesii fi qaamolee bulchiinsa haaraa Ameerikaaf ibsa taasiisaniiru.
Obbo Dammaqaan sagantaa marii dhaabbanni Ameerikaa Tiink Taank Atlaantiik Awusil jedhame interneetiin qopheesseerratti hirmaachuun haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee miseensota Kongireesii fi qaamolee bulchiinsa haaraa Ameerikaaf ibsa taasiisaniiru.
Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaan Makonniin, Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa ambaasaaddar Reedwaan Huseenii fi Daayreektarri olaanaan Eejansii Godaantootaa fi Godaansaa Deebi’anii obbo Tasfahuun Gobazaay maricharratti hirmaataniiru.
Obbo Dammaqaan haala waqtaawaa naannoo Tigraay, deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf hirmaannaa taasiifamaa jiruu fi naannicha deebisanii dhaabuuf hojii hojjetamaa jiru ilaalchisee ibsa laataniiru.
Gabaasni naannichatti namoota miiliyoona 4.6 deeggarsa namoomaa barbaaduu jechuun odeeffannoon tamsaa’aa jiru soba ta’uu ibsaniiru.
Hoggantoota garee ABUT seeraatti dhiyeessuuf hojiin eegalame cimee itti fufuus himaniiru.
Akkasumas Godaantoota Eertiraa buufata naannoo Tigraay keessa jiranii fi waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaan irratti xiyyeeffachuun ibsa laataniiru.
Waldhabdee daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan gidduutti uumame karaa nagaan furuuf Ityoophiyaan murannoo qabaachuu ibsa taasiisaniiru.
Obbo Dammaqaan Waldhabdee jiru karaa nagaan furuuf Sudaan dursa lafa Ityoophiyaa seeraan ala weerarte guutumaan guutuutti gadi lakkiftee yoo baate qofaadha jechuu isaanii ragaan Ministeera Dhimmaa Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.