Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddaroota biyyoota Awurooppaa garaagaraa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimmaa Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin Ityoophiyaatti Ambaasaaddaroota biyyoota Awurooppaa  garaagaraa waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Faransaay, Jarmanii, Hangaarii, Xaaliyaanii, Neezarlaand, Poorchugaal, Roomaaniyaa, Swiidiin fi Isloovaakiyaaf haala waqtaawaa kaaba Ityoophiyaa ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Deeggarsa gamtaan Awurooppaa ummataa fi mootummaa Ityoophiyaaf taasiisaa jiru dinqisiifataniiru.

Komishiniin Gamtaa Awurooppaa fi biyyoonni miseensa gamtichaa haala qabatamaa Ityoophiyaa fi dhugaa lafarra fudhachuuf fedhii dhabanis Ityoophiyaan haala jiru hubachiisuuf tattaaffii taasiiftu itti fufti jedhan.

Naannoo Amaaraa fi Afaariitti ajjeechaa fi badii gareen shororkeessaa ABUT lammiilee nagaarratti raawwataa jiru gamtaan Awurooppaa callisaan ilaaluun isaa Ityoophiyaa kan mufachiise ta’uu kaasaniiru.

Gamtaan Awurooppaa gareen shororkeessaa ABUT deeggarsa namoomaa gufachiisuu isaan itti gaafatamaa taasiisaa akka qabu gaafataniiru.

Mootummaan deeggarsa namoomaaf jecha waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka filannootti dhiyeessuus garichi waliigalticha kabajuu dhisuu isaa ibsaniiru.

Mootummaan naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa murannoon dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.

Yaa ta’uutii gareen shororkeessaa ABUT hojii deeggarsa namoomaa gufachiisuu isaan itti gaafatamuu akka qabu ibsaniiru.

Konkolaattoota deeggarsa namoomaa fe’uun naannoo Tigraay seenan kuma 1 fi 111 keessaa 242 qofti deebi’uu fi balalliin deeggarsa namoomaa dhaabbanni mootummoota gamtoomanii gara Maqaleetti taasiisu sababa garee ABUT adda cituu eeraniiru.

Murtoon gamtaan Awurooppaa tibbana Ityoophiyaarratti dabarse sirrii kan hin taane ta’uu kaasaniiru.

Yeroo itti aanu karoora mootummaa qophaa’e ilaalchisee mariin biyyaalessaa hunda hirmaachise kan taasiifamu ta’uu eeraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.