Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ityoophiyaatti waamamaa Daayrektara sagantaa Nyaataa Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 22, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ityoophiyaatti waamamaa Daayrektara sagantaa Nyaataa Addunyaa ta’uun haaraa kan muudaman Kilaawud Jibiidaar waliin mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan sagantaan nyaataa addunyaa waggoottaan darban Ityoophiyaatti hojiilee fooyya’aa hojjechuu ibsuun, lammiilee naannoo Tigraayitti haala rakkisaa keessa jiraniif deeggarsa namoomaa dhaabbatichi taasisaa jiruuf galateeffataniiru.
Ityoophiyaatti yeroo ammaa namoonni miiliyoona 20 ol ta’an sababoota adda addaan deeggarsi namoomaa kan isaan barbaachisu ta’uu eeraniiru.
Dhaabbileen akka Sagantaan nyaataa addunyaa deeggarsa namoomaa hunda galeessa taasisuu akka qaban gaafataniiru.
Ityoophiyaatti waamamaa Daayrektara sagantaa Nyaataa Addunyaa ta’uun haaraa kan muudaman Kilaawud Jibiidaar gama isaaniin, ejjennoo mootummaa dinqisiifachuun, yeroo itti aanus waloon hojjechuuf murannoo qabaachuu isaanii dubbataniiru.
Ityoophiyaan rakkoo ishee muudate keessaa ba’uun gara daandii guddinaa fooyya’aatti akka ceetu mootummaa faana kan hojjetan ta’uu kaasaniiru.
Ityoophiyaatti waamamaa Daayrektara sagantaa Nyaataa Addunyaa ta’uun haaraa kan muudaman Kilaawud Jibiidaar turtii Ityoophiyaatti taasiisaniif mootummaan tumsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu obbo Dammaqaan ibsuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.