Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ityoophiyaattidaayreektara Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 22, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummeen Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin tyoophiyaa, Eertiraa,Sudaanii fi Sudaan Kibbaatti daayreektara Baankii Addunyaa Oosmaan Diyoon waliin mari’ataniiru.
Obbo Dammaaqaan hiyyummaa dhabamsiisuu fi misooma mirkanneessuuf deeggarsa Baankichi Ityoophiyaaf taasiisaa jiruuf galateeffataniiru.
Jiijjiirrama Ityoophiyaan eegalte milkeessuuf Baankichi deeggarsa taasiisaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu abdii qabaachuu isaanii ibsaniiru.
Ityoophiyaa, Eertiraa,Sudaanii fi Sudaan Kibbaatti daayreektara Baankii Addunyaa Oosumaan Diyoon gama isaaniin galmoota misoomaa biyyattii milkeessuuf Baankiin Addunyaa deeggarsa hunda galeessa taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.