Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministira Alaa Siwiidin waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 19, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Alaa Siwiidin Anii Liindii waliin dhimmoota waloorratti bilbilaan mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan tarkaanfii duula birmadummaa, tarkaanfii murtoo himata hidhamtootaa adda kutuu, qophii maree biyyaalessaa ilaadlchisee Ministirittiif ibsa taasiisaniiru.

Mootummaan Raayyaan Ittisaa gara naannoo Tigraay akka hin seenne murteessuus gareen shororkeessaa ABUT karaa Abaalaan weerara banuun dhiyeessii deeggarsa namoomaa gara naannoo Tigraay gufachiisuu ibsa taasiisaniiru.

Anii Liindiin gama isaaniin tarkaanfii mootummaan hanga ammaatti fudhate dinqisiifachuun nageenyi waaraan akka bu’u haala akka mijeessu ibdii qabaachuu isaanii ibsaniiru.

Siwiidin deeggarsa misoomaa Ityoophiyaaf taasiiftu kan itti fuftu ta’uu eeruun, maree biyyaalessaa hunda hammate kan deeggartu ta’uus kaasuu isaanii ragaa Waajjira Dubbii Himaa Ministira Alaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.