Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministira Dhimma Alaa Kaanaadaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Kaanaadaa Maark Gaarniiw waliin bilbilaan Mari’atan.

Obbo Dammaqaan haala waqtaawaa naannoo Tigraayii fi dhiyeessii deeggarsa namoomaa naannichaatti taasiifamaa jiru ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Naannichatti deeggarsi namoomaa % 70 qaqqabuu fi lammiilee miiliyoona 3.8f deegarsi midhaan nyaataa fi nyaataan alaa taasiifamu ibsaniiru.

Dabalataan mootummaan naannicha deebisee ijaaruuf bulchiinsa yeroo naannichaa waliin tattaaffii taasiisaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan haqa qabeessa, bilisaa fi iftoomaa akka ta’u qophiin xummuramuu himaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Kaanaadaa Maark Gaarniiw gama isaaniin ibsa taasiifameef galateeffachuun, deeggarsa namoomaa mootummaan taasiisaa jiru kan deeggaran ta’uu eeraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.