Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Qindeessaa olaanaa Dhimmoota namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Qindeessaa olaanaa Dhimmoota namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Maartiin Giriifitis waliin mari’ataniiru.
Qaamoleen lameen dhimmoota deeggarsa namoomaa ilaalchisee Niwuu Yoorkitti mari’ataniiru.
Adeemsa deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuurratti hanqinaalee muul’atan saffisaan hiikuun akka barbaachisu obbo Dammaqaan ibsaniiru.
Naannoo hundatti lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif haala guutuu ta’een qaqqabsiisuuf hanqinaalee jirun furuun dirqama ta’uu obbo Dammaqaan ibsa taasiisaniiru.
Deeggarsa namoomaa hunda galeessa ta’e waliin ga’uuf hirmaannaa mootummaan taasiisaa jiru hawaasa idil addunyaaf hubannoo madaallawaa ta’e laachuuf Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa taasiisu cimsee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.
Obbo Dammaqaan waajjirichi haala qabatamaa Ityoophiyaa hubachuun mootummaa cinaa dhaabbachuun deeggarsa taasiisa jiruuf galateeffachuu ragaan Waajjira Itti aanaan Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.