Fana: At a Speed of Life!

Obbo Eeliyaas Shukuriin Preezdaantii Ejansii Farra Si’eessituu Idila Addunyaa waliin mari’tan

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC)- Komishinirri Komishinii Ispoortii FDRI obbo Eeliyaas Shukuriin Preezdaantii Ejansii Farra Si’eessituu Idila Addunyaa Wiitoold Baankaa waliin viidiyoo konfaransiin mari’atan.
 
Obbo Eeliyaas farri si’eessituu(Doopping) Ispoortii miidhuu bira darbee rakkoo fayyaa ta’aa dhufuu dubbataniiru.
 
Yaa ta’uutii farra si’eessituu itti fufiinsan ittisuuf hawaasa ispoortiif hubannoo laachuu fi seeroota hojiitti hiikuun hojii xiyyeeffanoo olaanaa argachuu qaban ta’uu ibsaniiru.
 
Dooppingii ittisuun ispoorteessitoota fayyaaleessa dorgommii sirriin moo’achuu danda’an horachuuf hojjetamuu qaba jedhame.
 
Keessattuu farra si’eessituu ittisuun beekkamtii Ityoophiyaan addunyarratti qabdu eegsiisuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Eeliyaas himaniiru.
 
Preezdaantiin Farra Si’eessituu Idila Addunyaa Wiitoold Baankaa gama isaaniin Ityoophiyaan farra si’eessituu too’achuuf tattaaffii taasiisaa jirtu dinqisiifachuun,hojiileen hojjetaman biyyoota biroof fakkeenya ta’uu qabu jedhan.
 
Hojiileen eegalaman cimee akka itti fufuuf Ejansiin Farra Si’eessituu Idil Addunyaa deeggarsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu ragaan Komishinicharraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.