Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun, ministira Ministeera Daldala Alaa fi Tumsa Misoomaa Neezarlaandis waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 22, 2012 (FBC) – Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw ministira Ministeera Daldala Alaa fi Tumsa Misoomaa Neezarlaandis waliin mari’atan.
 
Turmaata isaanitiin diippiloomaasii, tumsa naannoo fi idil addunyaa cimsuurratti mari’ataniiru.
 
Hariiroo biyyootaarratti weerarri vaayrasii koroonaa gufuu ta’eera.
 
Neezarlaandisii fi Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi dameewwan addaddaarratti waliin hojjechuun, hariiroo isaanii cimsuurratti mari’ataniiru.
 
Biyyattiin weeraricha ittisuuf sadarkaa idil addunyaatti hojii hojjechaa jirtu obbo Gadduun dinqisiifataniiru.
 
Ministirri Ministeera Daldala Alaa fi Tumsa Misoomaa Neezarlaandis Siigriid Aagnas Maariyaa Kaag gama isaanitiin biyyi isaanii hariiroo Ityoophiyaa waliin qabduun gammachuu kan qaban ta’uu ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.