Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun, Raasmas Prahin waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 24, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw ministira Ministeera Tumsa Misoomaa Deenmaark Raasmas Prahin waliin bilbilaan mari’atan.
 
Turmaata isaanitiin dhimmoota biyyoonni isaanii tumsaan waliin hojjetanii fi wantoota addaddaarratti mari’ataniiru.
 
Obbo Gadduun Deenmaarkitti namoota vaayrasii koroonaatin lubbuu isaanii dhabaniin gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
 
Weerara vaayrasichaa ittisuu fi to’achuuf tumsaa fi hojiin qindoomina biyyoota addunyaa murteessaa ta’uusaa qondaaltonni lamaan mari’ataniiru.
 
Vaayrasii koroonaa ittisuuf sadarkaa federaalaa fi naannootti qindoominaan socho’aa jiraachuu, Baha Afrikaattis Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa qindoominaan hojjechaa jiraachuu obbo Gadduu Aandaargaachaw ibsaniiru.
 
Deenmaark weerara awwaannisaa ittisuuf deeggarsa karaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonna Addunyaatin taasisteefis galateeffataniiru.
 
Biyyattiin weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf biyyoota Afrikaa waliin qindoominaan kan hojjettu ta’uu ministirri Ministeera Tumsa Misoomaa Deenmaark Raasmas Prahin ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.