Fana: At a Speed of Life!

Obbo Jawaar Mahaammadfaarratti himannaan baname

Finfinnee, Fulbaana 11, 2013 (FBC) – Obbo Jawaar Mahaammad, Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Booranaa dabalatee namoota 18 irratti himannaan baname.

Himatamtoonni mana murtii dhiyaataniiru.

Himatamtoonni Mana Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha yakkaa heera mootummaa fi shororkeessummaa 1ffaatti dhiyaataniiru.

Himannaan irratti banames seera yakkaa 1996 bahe keeyyata yakkaa 240 irra darbuun walitti bu’iinsa sabummaa fi amantaa bu’uura godhate kakaasuu, labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to’achuuf ba’e 1176/2012 irra darbuu, labsii burjaajjii teelekoom ittisuuf ba’e 761/2004 fi labsii bulchiinsa meeshaalee waraanaa lakkoofsa 1177/2012 irra darbuudhani.

Taariik Addunyaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.