Fana: At a Speed of Life!

Obbo Jawaar Mahaammadii fi Baqqalaa Garbaa dabalatee namoota 24 irratti himatni baname

Finfinnee, Fulbaana 9, 2013 (FBC) –Obbo Jawaar Mahaammadii fi Baqqalaa Garbaa dabalatee namoota 24 irratti himatni baname.

 

Jawaar Mahaammad, Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Adaanaa akkasumaas bakka hin jiretti kan himatan Oromiyaa Miidiyaa Neetwoork (OMN), Dajanee Guutamaa, Dooktar Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii fi Dooktar Tsaggaayee Raggaasaan dabalatee waliigalaan namoota 24 irratti seera yakkaa bara 1996 bahe keeyyata 240 darbuun sabaa fi amantaa bu’uura kan godhate walitti bu’insa waliin waliinii kaasuun gosti tokko gosa tokkorratti akka ka’u taasisuu, yakka shoroorkeessummaa ittisuu fi to’achuuf labsii bahee lakkoofsa 1176/2012, labsii yakkaa teeleekoomii waliin dhahuu lakkoofsa 761/2004 fi labsii bulchiinsa meeshaa waraanaa lakkoofsa 1177/2012 darbuun yakka raawwataniin Abbaan Alangaa waliigalaa Federaalaa Fulbaana 6, 2013Mana Murtii Olaanaa Lidataa ramaddi dhaddachaa yakkaa lakkoofsa galmee 260215 himatoota 10 irratti baneera.

Himatamtoonni Fulbaana 11, 2013 mana murtiitti dhiyaatanii himatni akka isaan dhaqqabu ragaan Abbaa Alngaa waliigalaa Federaalaa irraa arganne ni muldhisa.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.