Fana: At a Speed of Life!

Obbo Jawaarii fi obbo Baqqalaa Garbaan iddoo tursaatti akka waliin ta’an iyyanoon dhiyeeffatan hojiirra oolaa jira

Finfinnee, Fulbaana 5, 2013 (FBC) – Obbo Jawaar Mahaammadii fi obbo Baqqalaa Garbaan iddoo tursaatti akka waliin ta’an iyyanoo dhiyeeffatanirratti raawwiisaa ilaaluuf akkaataa beellamni laatameen mana murtiitti dhiyaataniiru.
 
Bakka bu’aan Koomiishinii Poolisii Federaalaa dhaddachicharratti dhiyaatanii ajajni manni murtichaa laate hojiirra ooluu beeksiseera.
 
Obbo Jawaar Mahaammadfaanis ajajichi hojiirra ooluu ibsaniiru.
 
Abukaatonni obbo Hamzaa Adaanaa(Booranaa) fi Shamsaddiin Xahaa maamiltoonni isaanii daqiiqaa 30 qofaaf qilleensa akka fudhatan taasifamaa jiraachuu beeksisuun, daqiiqaa 30 oliifis aduu fi qilleensatti akka ba’an ajajni akka laatamuuf gaafataniiru.
 
Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddachi Ramaddii Araadaa beellamni yeroo shakkamtoonni qilleensaa fi aduu ga’aa akka argatan ajajeera.
 
Mana Murtii Federaalaa Olaanaatti dhiibbaa mirga namoomaa cimaadhan kan himatamanii fi galmee Geetaachaw Asaffaafaa jalatti namoonni tarreeffaman 26 olii mana murtii dhiyaatanii ragaan abbaa alangee dhaggeeffatameera.
 
Ragaalee dabalataa haguuggii duuban dhaggeeffachuuf Fulbaana 12,2013tti beellamni qabameera.
 
Taariik Addunyaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.