Fana: At a Speed of Life!

Obbo Lidatuu Ayyaalaw himata meeshaa waraanaa qabatanii argamuu irratti mormii dhiyeessan

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (FBC) – Obbo Lidatuu Ayyaalaw himata meeshaa waraanaa qabatanii argamuu irratti mormii dhiyeessan.
Abukattoonni lamaan obbo Lidatuu Ayyaalaw mormii har’a ganama dhiyeessaniin bu’uura labsii bulchiinsa meeshaa waraanaan hanga waggaa tokkootti fayyadamuu danda’a, yeroo fayyadamummaa qaba jedhaniiru.
Labsii kanaan itti gaafatamaa gochuun fudhatama hin qabu, kaanaf labsii kanaan himatamuu hin jedhaniiru.
Kan lammaffaa ammoo keeyyatni an itti himatame ol kan ka’edha jedhan. Himaticharratti meeshaa waraanaa baayyina qabu jedhamee kan eerame garuu meeshaa waraana tokko qofa. Kanaafis fudhatama hin qabu jechuun mormii dhiyeessaniiru.
Haala fayyumaa isaanii biyya allaatti yaalamuu akka qabanii fi wabii akka isaan barbaachisu dhiyeessaniiru.
Dhimmicharratti deebii kan laate Abbaan Alangaa Haqaa Magaalaa Adaamaa labsichaan kan laatame meeshaa waraanaa seeraan alaa otuu hin taane, waggaa tokko keessatti namni meeshaa waraanaa qabu akka galmeessu danda’uudha.
Kun ammoo bal’ina biyyattii tilmaama keessa galchuunidha malee meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii ta’uu miti jechuun kan hiikkame.
Bifa kanaan waggaa tokko guutuu meeshaa waraanaa hidhachuun hin danda’amu jedheera.
Akkasumaas shugguxii maqaa nama biraan kan galmaa’e qabachuu hin danda’amu. Abbaan Alangaa sgugguxichi maqaa nama birootin kan galmaa’e jiru jedheera.
Gara biyya alaatti yoo ba’an achiin hafuu waan danda’aniif mormeera.
Haala fayyaa isaanii ilaalchisuun biyya keessatti yaala argachaa akka jiran ibseera.
Mormii lamaan kan dhaggeeffate manni murtii olaanaa godina Shawaa bahaa dhimmicha qorachuun ajaja laachuuf Fulbaana 12, 2013tti beellama laateera.
Taariik Addunyaatu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.