Fana: At a Speed of Life!

Obbo Musxaafeen jiraattoota aanaa Daanood waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Itti aanaan Preezdaantii naannoo Soomaalee obbo Musxaafee Mahaammad jiraattoota aanaa Daanood waliin mari’atan.

Jilli Itti aanaan Preezdaantii naannoo Soomaalee obbo Musxaafee Mahaammadiin durfamu godina Doollootti jiraattoota aanaa Daanood waliin haala yeroorratti mari’ateera.

Jilli hoggantoota olaanoo kun wayita aanicha ga’u jiraattoota aanichaan simannaa hoo’an taasiifameefira.

Itti aanaan Preezdaantii naannoo Soomaalee obbo Musxaafee Mahaammad jiraattoota aaniichaa waliin dhimmoota garaagararratti marii gaggeessaa jiraachuu ragaan Biiroo dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa naannichaarraa argame ni muul’isaa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.