Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis Abdiisaan naannoo Somaaleetti mana barumsaa eebbisiisan

Finfinnee, Bitootessa 19, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi Pireezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Muusxafee Mahaammad naannoo Somaaleetti mana barumsaa mootummaa naannoo Oromiyaan ijaarame eebbisiisan.

Pireezidaantonni naannolee lameenii mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Kaahii bifa ammayyaan magaalaa Jigjigaatti mootummaa naannoo Oromiyaan ijaarame eebbisiisuu ragaan Kominikeeshinii naannoo Somaaleerraa argame ni mul’isa.

Manni barumsichaa hariiroofi tumsa uummata Oromoofi Somaalee daran kan cimsu ta’uu Obbo Muusxafee Mahaammad ibsaniiru.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gamasaaniin, manni barumsichaa tumsa mootummaan naannoo Oromiyaa uummata naanno sumaaleef taasise ta’uu kaasuun, uummata naannolee lameenii beekumsaan walitti hidhuufi hariiroo naannolee lameenii kan cimsu ta’uu eeraniiru.

Sirna eebbi mana barumsichaarratti hoggantoonni olaanoon mootummaa naannolee lameenii, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaafi keessummoonni biroon argamuu himameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.