Fana: At a Speed of Life!

Obbo Xilaahuun Geetaachew hidha umrii guutuun itti yoo murtaa’u, warren hafan adabbii hidhaa waggaa 5 hanga waggaa 23 akka adabaman murtaa’e

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) – Hiriira deeggarsaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiif ba’ameratti namoota boombii darbaachuun lubbuun namaa akka darbuu fi miidhaa qaama qaqqabsiisan irratti hidhaa waggaa 5 hanga umrii guutuu itti murtaa’e.

Hiriira deeggarsaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiif Waxabajjii 16, 2010 ba’ameratti boombii darbaachuun lubbuun namoota 2 akka darbuu fi namoota 150 irratti miidhaa qaama qaqqabsiisan namoota 5 irratti hidhaa waggaa 5 hanga umrii guutuu itti murtaa’eera.

Adabbichi kan murtaa’e Mana Murtii Olaanaa Federaalaa dadhacha yakkaa dhimmoota heera mootummaa fi shoroorkeessumattidha.

Kanaanis, himatamaa 3ffaan obbo Xilaahuun Geetaachew hidha umrii guutuun itti yoo murtaa’u, warren hafan adabbii hidhaa waggaa 5 hanga waggaa 23 akka adabaman murtaa’eera.

Taariik Addunyaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.