Fana: At a Speed of Life!

Obboo Gadduun deeggarsa dhaabbileen idil addunyaa koroonaa ittisuuf Ityoophiyaaf taasisan fuudhan

Finfinnee, Bitootessa 29, 2012 (FBC) –  Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Gadduu Andaargaachaw deeggarsa dhaabbileen idil addunyaa koroonaa ittisuuf Ityoophiyaaf taasisan fuudhaniiru.

Dhaabbilee deeggarsa taasisaan keessaa hojjettoonni Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa (IGAD) miindaa isaaniirra buusuun Doolaara Ameerikaa kuma 100 arjoomaniiru.

Deeggarsa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa (IGAD) taasise dabalataan ejansiin gamtaa siivilii deeggarsa taasisaniiru.

Kanneen keessa Tirast Fandiin Dayaaspooraa Ityoophiyaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 1, Dhaabbanni Tasfaa meeshaalee Birrii miiliyoona 4.5tti tilmaamamu, Dhaabbanni Amaaraa deebisanii dhaabuu fi misoomsuu Birrii miiliiyoona 2 taasisaniiru.

Dabalataan Dhaabbanni Tola Ooltummaa Vaasoo Birrii miiliyoona 1.2, Paas Faayindar Intarnaashinaal Birri Kuma dhibba 5 fi kuma 41 fi 808, Dhaabbanni jaalala Amma Humaaniiteeriyaan Birrii Kuma dhibba 4, Dhaabbanni Dubartoota of dandeesisu Birrii Kuma 300, Orgaanayzeeshin For well For End Divaloopmant deeggarsa Birri kuma dhibba 1 arjoomu isaanii ibsameera.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.