Fana: At a Speed of Life!

OBN dhaabbata Sab-qunnamtii uummataa Beenshaangul Gumuuz waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallattesse

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2013 (FBC)- Oromiyaa Broodkaastiing Neetworkiin dhaabbata Sab-qunnamtii Uummataa Beenshaangul Gumuuz waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallattesseera.
Waliigalticha Daayreektarri Olaanaa OBN obbo Zinaabuu Asraatii fi hojii gaggeessaa itti aanaa Dhaabbata sab-qunnamtii Uummataa Beenshaangul Gumuuz obbo Mallasa Sanbataan mallatteessan.
Waliigaltichiis hojii miidiyaaleen lamaan uummata tokkomsuufi jiruufi jireenya uummataa fooyyessuu giddugaleessa kan godhateefi miidiyaa ammayyeessuu akka ta’e obbo Zinaabuu Asraat himan.
OBN dabalataan dhiyeenyatti Afaan uummata Beenshaangul Gumuuz Afaan Gumuuz, Shinaashaa fi Bartaan hojiitti galuuf qophii xumuruun ibsaniiru.
Akka gabaasa OBNtti Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Beenshaangul Gumuuz Obbo Ashaadlii Hasan afaan uummata Beenshaanguliin OBN hojii hojjechuuf jiru akka deeggaran himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.