Fana: At a Speed of Life!

Of dagannaan hawaasaa tamsa’inni vaayrasii koroonaa akka dabaluu taasiseera- Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2013 (FBC) – Of dagannaan hawaasa biratti muul’dhata jiru tamsa’inni vaayrasii koroonaa akka dabalee taasisuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan lakkoofsii namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii dabalaa jiraachuu ibsaniiru.

Dooktar Liyaan guyyoota kurnan darbanitti lubbuun namoota 120 darbuu himaniiru.

Lakkoofsii namoota dhibichi itti cimee hamma ol ta’uu fi sababa kanaaf hanqinni giddugalaa yaala muuldhachuu ibsaniiru.

Hawaasni haguugduu afaanii fi funyaanii seeraan akka kaawwatuu fi qaamoleen seeraa to’annaa akka taasisaan waamicha dhiyeessaniiru.

Lakkoofsii namoota dhibichi itti cimee hamma ol ta’uu fi sababa kanaaf hanqinni giddugalaa yaala muuldhachuu ibsaniiru.
Hawaasni haguugduu afaanii fi funyaanii seeraan akka kaawwatuu fi qaamoleen seeraa to’annaa akka taasisaan waamicha dhiyeessaniiru.
Meeshaaleen hargansuu dhukkubsattootaan qabamuun namoonni biroon dhibichii itti cimee meeshichii dhabamuun du’aa fi jireenyaa gidduu ta’uun eegachaa jiru jedhaniiru.
Fayyadamtoonni maaksii hir’achuun kan ibsan Dooktar Liyaan sadarkaa magaalaa Finfinneetti %54 akka biyyaatti ammoo %35 ta’uu ibsaniiru.
Dooktar Liyaan ayyaana amantiirratti, ispoortiwwaniirratti, qophilee garagaraa, kaaffee fi reestoraantiirratti waliigala bakka namni itti walitti qabuurratti ofeggannoon akka taasifamuus yaadachiisaniiru

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.