Fana: At a Speed of Life!

Of eeggannoo barbaachisan taasisuun barnoota eegaluuf qophiin xumuramuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 11, 2013 (FBC) – Sababa weerara vaayrasii koroonaan barnoota idilee adda citee ture eegaluuf qophiin barbaachisu xumuramuu Ministeerri Barnootaa beeksise.
 
Mootummaan manneen barnootaaf haguuggii fuulaa, bishaanii fi dhiyeessii qulqullinaa barbaachisan guutuun barumsi idilee kan eegalamu ta’uu ibsameera.
 
Jalqaba barnoota sadarkaa 1ffaa eegaluun kanneen biroos kan itti fufan ta’uu Ministirri Ministeera barnootaa Dooktar Geetahuun Makuriyaan ibsaniiru.
 
Manneen barnootaatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf of eeggannoon barbaachisuun hundi guutumaan guutuutti hojiitti hiikkamuu akka qabanii fi barumsiis dabareen kan laatamu ta’uu dubbataniiru.
 
Sirni dabarees haaluma naannoorratti hundaa’uun dabaree 2 hanga 3tti ta’uu danda’a jedhaniiru.
 
Weerara vaayrasichaa ittisuuf barsiisoonni itti gaafatamummaa olaanaa ba’uu qabu jedhan.
 
Maatiinis daa’imman isaanii wayita gara mana barumsaa ergan deeggarsa barbaachisu taasisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
 
Barumsi idileen akkuma mootummaan murtoo dabarseen kan eegalamu ta’a jechuu isaanii ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.