Fana: At a Speed of Life!

Ogeeyyii Fayyaa fi hojjettoota kunuunsa fayyaa Oromiyaaf sangantaan beekkamtii fi galateeffannaa laachuu gaggeeffame

Finfinnee, Adooleessa 18, 2013 (FBC) – Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa ogeeyyii Fayyaa fi hojjettoota kunuunsa Fayyaa ittisaa fi to’annoo weerara dhibee vaayrasii koroonaa ittisuuf shoora olaanaa qabaniif badhaasaa fi beekkamtii laateera.

Biirichi ittisaa fi to’annoo Covid -19 irratti hojjettoota Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa, wiirtuulee yaalaa, giddugala qarannoo laabraatoorii, qaamolee mootummaa, miti- mootummaa, waldaalee ogeeyyii fayyaa, waldaalee hawaasaa, miidiyaalee fi namoota dhuunfaa aarsaa guddaa kanfalaa turan galateeffateera.

Hojjettoonni fayyaa ‘mana ooluu hin dandeenyu’ mata duree jedhuun hojii ittisaa fi to’annoo Covid -193 adda durummaan hojjechuu cinaatti hojii idilee seektara fayyaa irrattis milkaa’ina gurguddaa galmeessuu hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa ibsaniiru.

Gumaacha olaanaa taasisaniifa galateeffachuu isaanii ragaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Qophii kana irrattis qaamolee hirmaannaa taasisaniif beekamtii fi waraqaan ragaa fi beekkamtii laatameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.