Fana: At a Speed of Life!

Ogeeyyii fayyaa tajaajila tola ooltummaa laachuuf galmaa’aniif leenjiin Intarneetiin kallattiin qophaa’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2012 (FBC) – Ogeeyyii fayyaa tajaajila tola ooltummaa laachuuf galmaa’aniif leenjiin Intarneetiin kallattiin qophaa’uu ibsame.

Ministeerri Fayyaa ogeeyyii fayyaa tajaajila tola ooltummaa laachuuf galmaa’an hojiitti bobbaasuuf waamichaa taasisuun isaa kan yaadatamuudha.

Ogeeyyii kanneen hojiitti bobbaasuun dura dhimmoota hojichaan walqabatan ilaalchisee leenjiin hubannoo uumuu ‘online’ kan kennamu ta’uu ministeerichi beeksiseera.

Ogeeyyiin kunneen leenjicha fudhachuu isaanii ragaan agarsiisu barbaachisaa waan ta’eef erga leenjicha xumuranii priintii godhachuun qabachuu akka qaban ministeerichi yaadachiiseera.

Haaluma kanaan leenjicha hordofuuf teessoo armaan gadittii fayyadamaa.

(liinkii) www.moh.gov.et/covid19-courses/ fayyadamaa።
User Name iddoo jedhutti teessoo yeroo galmee (email address ) barreessaa.

lakkoofsa iccitii barreessuun (Password): changeme –leenjicha hordofuun kan danda’amu ta’uu ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.