Fana: At a Speed of Life!

Ogeeyyii fayyyaa, Poolisii, hojjettoota ittisa balaa fi Poolisii Tiraafikaaf haguuggiin fuulaa rabsamuufi

Finfinnee, Caamsaa 26, 2012 (FBC) – Itti aanaa Kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan Hospitaala Zawdituutti argamuun haguuggii fuulaa gumaachaniiru.
 
Injiinar Taakkalaan haguuggii fuulaa, harkaa fi meeshaalee qulqullinaa bulchiinsi magaalichaa qaamoolee garaagaraarraa walitti qabame ogeeyyii fayyaaf gumaachaniiru.
 
Guyyaa har’aa eegalee ogeeyyii fayyyaa, Poolisii, hojjettoota ittisa balaa fi Poolisii Tiraafikaaf haguuggiin fuulaa rabsamuu kan eegalu ta’a jedhame.
 
Bulchiinsi magaalichaa dhaabbilee biyya keessaa fi alaarraa meeshaalee eeggumsa fayyaa walitti qabaa jiraachuu ragaan Waajjira kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.