Fana: At a Speed of Life!

Ogeeyyii yaalaa fayyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf dirqama isaanii ba’anii fi hojjettoota kunuunsa fayyaaf beekkamtiin laatame

Finfinnee, Adooleessa 11, 2013 (FBC) – Ogeeyyii yaalaa fayyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf dirqama isaanii ba’anii fi hojjettoota kunuunsa fayyaaf beekkamtiin laatameera.

Sagantaan torbee beekkamtii laachuu Ogeeyyii yaalaa fayyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf dirqama isaanii ba’anii fi hojjettoota kunuunsa fayyaa har’a magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffameera.

Saganticharratti itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee, Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa fi hoggantoonni mootummaa waamichi taasiifameef argamaniiru.

Sagantaan beekkamtii fi galateeffannaa kun Adooleessa 11 – 17, 2013 kan turu yoo ta’uu, wareegama ogeeyyiin fayyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf kaffalan yaadachuufi jedhame.

Sagantaan beekkamtii fi galateeffannaa kun naannoolee hunda, bulchiinsa magaalootaa fi dhaabbilee sadarkaan jiran keessatti kan gaggeeffamu ta’uu himameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.