Fana: At a Speed of Life!

Ogeeyyiin fayyaa hawaasni of dagannaa akka dhaabu yaadachiisan

Finfinnee, Adoolessa 6,2012(FBC)- Ogeeyyiin fayyaa hawaasni of dagannaa akka dhaabu yaadachiisan.

 Ogeeyyiin fayyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuurratti bobba’an hawaasni of dagannaa akka dhiisu dhaamaniiru.

 Ogeeyyiin fayyaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turtii taasisan akka beeksisanitti, tamsa’inni vaayrasii koroonaa babal’achaa dhufuu ibsaniiru.

Yaata’uutii of dagannaan hawaasa bira jiru yaaddessaa akka ta’e eeraniiru.

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf; wallaansa dhukkubsachuun booda laatamurra duursa of eeggachuu fi dhibicha ittisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Maatidhaan adda baafamuudhan wallaansa hordofuun cinaatti, adeemsi wallaansaas qormaatan kan guutame ta’uu eeran.

Hawaasni of eeggannoo cimsuudhan, weerara vaayrasichaa hir’isuu keessatti nu gargaaruu qaba jedhaniiru.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.