Fana: At a Speed of Life!

Ogeeyyiin fayyaa Hindirraa dhufan Ityoophiyaatti tajaajila yaalaa bilisaan kennaa jiru

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Ogeeyyiin yaala fayyaa Hindirraa dhufan tajaajila yaala bilisan kennaa jiru.

Miseensonni garee kanaa Koolleejjii Fayyaa Barkumee Hospitaala Qidduus Phaawuloositti tajaajila yaala fayyaa bilisaa kennuu eegalaniiru.

Haala tajaajila yaala bilisaa kana ilaalchisee Koolleejjii Fayyaa Barkumee Hospitaala Qidduus Phaawuloositti itti aantuun provoostii tajaajila yaala fayyaa Dooktar Liyaa Tafarraa ibsa laataniiru.

Yaalichi Koolleejjii Fayyaa Barkumee Hospitaala Qidduus Phaawuloosii fi Hospitaala waliigalaa Abeetiitti kan kennamu ta’uu himaniiru.

Dooktaroota Hindirraa dhufan 14 keessaa 8 tajaajila yaala damee baqaqsanii yaaluun muuxxaannoo olaanaa kanneen qaban ta’uu ibsaniiru.

Ogeeyyiin kunneen deeggarsa walta’iinsa garee ‘Poonii Hindiyaa Rootarii’ irraa argameen kan dhufan akka ta’es himaniiru.

Dooktaroonni kunneen yaala garaa keessaa, ujumoolee nyaataa, ujummoo fincaanii fi gadaameessaarratti tajaajila bilisaan kan kennaaniidha jedhan.

Hospitaala waliigalaa Abeetiitti ammoo tajaajila yaala lafee fi kutaalee walqabsiisootta ni kennu jedhan.

Wiixata darbee eegalee hojiirra kan jiran yoo ta’u, hanga ammaatti dhukkubsattoonni 30 ol tajaajila yaalaa kana arganiiru jedhan Dooktar Liyaan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.