Fana: At a Speed of Life!

Olaantummaa seeraa kabachiisuuf bu’uuraalee misoomaa miidhaaman suphuun hojiin baruu fi barsiisuu iddoo hundaatti ni eegala- Ministeera Barnoota

Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC)- Naannoo Tigraayitti olaantummaa seeraa kabachiisuuf bu’uuraalee misoomaa miidhaaman suphuun hojiin baruu fi barsiisuu iddoo hundaatti akka eegalu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Naannichatti bu’uuraalee misoomaa miidhaman suphuun barnoota eegaluuf baajani Birrii miiliyoona 50 qabamuu Ministir deetaan ministeera Barnootaa obbo Miiliyoon Maatiyoos himaniiru.

Naannoo Amaaraatti adeemsaa olaantummaa seeraa kabachiisuun manneen barnootaa miidhaman suphuun gara hojiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Naannoo Tigraayifis haguugduu afaanii fi funyaanii kumni 700 ol qophaa’uu ragaan Ministeera Barnootaarra argannee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.