Fana: At a Speed of Life!

Olola gareen shororkeessaa tamsaasu waloon ittisuun  barbaachisaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC) –Waldhabdee Godina addaa Saba Oromoo fi naannoo Afaar Ada’eel gidduu jiru waaraan furuuf  haala dandeessiisurratti mariin magaalaa Shawaa Roobiitiitti  gaggeeffameera.

Marii kanaratti jaarsoliin biyyaa fi hoggansi hirmaachuu ibsameera.

Olola waldhabdee namoota dhuunfaa lama gidduutti naannooo daangaatti uumamu babal’isuun walitti bu’iinsi  sabaa akka uumamu taasiisan waloon ittisuun akka barbaachisu maricharratti ka’eera.

Raayyaa Ittisaa fi uummata naannolee lamaanii gidduutti garaagarteen akka uumamu soschiin shororkeessitoonni taasiisan ifatti jiraachuu hoggansii fi jaarsoliin biyyaa kunneen ibsaniiru.

Olola gaggeeffamaa jiru ummannii fi hoggansi waloon ta’uun ittisuu akka qaban himameera.

Ministir Deettaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ahimaddiin Mahaammad olola gareen shororkeessaa taasiisaa jiru qolachuuf tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Kominiikeeshinii Shawaa Kaabaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.