Fana: At a Speed of Life!

Olompiikni Tookiyoo akka dabarfamu dhiibbaan taasifamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 14, 2012 (FBC) – Olompiikni Tookiyoo akka dabarfamu dhiibbaan taasifamaa jira.

Sodaa weerara vaayrasii koroonaatin dhiibbichi Jaappaanii fi Koree Olompiika Addunyaarratti hammaachaa jira.

Sababii vaayrasichaatin Kaanaadaan kan hin hirmaanne ta’uu beeksisuun ishee hin dagatamu.

Biyyoonni kaanis dorgommichi yeroo birootif akka dabarfamu gaafachaa jiru.

Kaanaadaan fayyaa atleetota ishee wanti caalu akka hin jirre ibsuun dabarfamuusaa gaafatteetti.

Muummeen ministiraa Jaappaan Shiinzoo Aabeen dorgommichi akka kanaan duraatti hin gaggeeffamu taanan, kan dabarfamu ta’uu eeraniiru.

Dorgommicha guutummaan haquurra dabarsuu wayyas jedhaniiru.

Koreen Olompiika Addunyaa dorgommichi Adoolessa 24 akka gaggeeffamuuf guyyaa qabeet ture.

Yaata’uutii sababii vaayrasichaarraa kan ka’e dabarfamuu akka malu ibseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.