Fana: At a Speed of Life!

Oomisha kuufamee jirutti fayyadamuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 27, 2012 (FBC) – Oomisha kuufamee jiru gabaa idil addunyaatif dhiyeessuun fayyadamuun akka barbaachisu eerame.
 
Weerarri vaayrasii koroonaa ariitidhaan babal’achaa jiru diinagdee biyyootaa laamshessaa jiraachun ni beekama.
 
Daldala alaa Ityoophiyaarrattis dhiibbaa qaqqabsiisera.
 
Yaata’uutii dhiibbaa uumame dandamachuuf hojiilee babal’aan hojjetamaa jiru.
 
Damee daldalaa dhiibbaa jalaa baasuuf hordoffii fi deeggarsi taasifamaa jiraachuunis ibsameera.
 
Kuusaa oomishaa dhaabbilee dhuunfaarratti hoggansi Ministeera Daldalaa fi Indaastirii daawwannaa taasiseera.
 
Oomishti kuusaa jiru yeroo oomishaa eegee gabaa idil addunyaatif dhiyaachuu akka qabus himameera.
 
Ministir deettaan ministeerichaa Ambaasaaddar Misgaanuu Araggaan rakkoo damicha mudachaa jiru furuuf hordoffii fi deeggarsi taasifama ajira jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.