Fana: At a Speed of Life!

Oomishaa bunaa guddisuuf deeggarsi taasifamu cimee itti fufa-Obbo Dassittaa Leeddaamoo

Finfinnee, Hagayya 25, 2014 (FBC) – Oomishaafi qulqullina bunaa guddisuuf deeggarsi qonnaan bultootaaf taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu Pireezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dassittaa Leeddaamoon ibsan.

Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Sidaamaa waltajjii sosochii Misooma Bunaa, Kuduraaleefi ni’eessituuwwanii magaalaa Hawaasaatti gaggeessaa jira.

Pireezidaantiin naannichaa obbo Dassitaa Leeddaamoon haasawaa waltajjicharratti taasisaniin, naannichatti oomisha bunaaf xiyyeeffannoon laatamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Oomisha bunaa babal’isuufi qulqullina dabaluuf deeggarsi ogeeyyiin qonnaa qonnaan bultootaaf taasisan cimeekan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Qonnaan bultoonnis kallattii ogeeyyiin qonnaa kennan akka hordofan yaadachiisaniiru.

Oomishtummaa kuduraalee guddisuun qonnaan bultoota fayyadamoo taasisuuf ni hojjetama jechuu ragaan waajjira pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.