Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee fi meeshaaleen yaalaa qulqullina isaanii hin eegganne gara biyya keessaa akka hin galle dhorkaman

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2013 (FBC) – Oomishaaleen nyaataa fi meeshaaleen yaalaa sadarkaa qulqullina isaanii hin eegganne Birrii miiliyoona 13 olitti tilmaaamu gara biyya keessaa akka hin galle dhorkaman.
 
Oomishaaleen nyaataa fi meeshaaleen yaalaa sadarkaa qulqullina isaanii hin eegganne Birrii miiliyoona 13 olitti tilmaaamu gara biyya keessaa akka hin galle dhorkamuu Abbaan Taayitaa Too’annoo Nyaataa fi Qorichaa Ityoophiyaa beeksise.
 
Meeshaalee fi oomishaaleen kunneen kurmaan darbe kanatti gara biyya keessaa akka hin gallee dhorkamuu ibsameera.
Akkasumasa gosti nyaataa 14 gara biyyaa akka hin galle dhorkamuus Abbaan taayitichaa ibseera.
 
Meeshaalee yaalaa gara biyya keessaa akka hin galle dhorkaman keessaa haguuggiin fuulaa, harkaa fi meeshaan sakkattoo hoo’aa isaan muraasa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.