Fana: At a Speed of Life!

Oomishaaleen Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 65tti tilmaamaman seeraan ala daddabarfamaa turan to’ataman

Finfinnee, Adooleessa 26, 2013 (FBC)- Oomishaaleen Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 65tti tilmaamaman seeraan ala daddabarfamaa turan to’atamuu Biiroon Daldalaa magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Raawwii karoora biirichi bara baajata 2013tti hoggaantootaa olaanoo biirichaa fi itti gaafatamtootaa waajjira daldala kutaa magaalaa waliin gamaggameera.

Bara baajatichaatti oomishaaleen garagaraa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 65 olitti tilmaamaman seeraa alaa daddabarfamaa turan mootummaaf galii taasifamuu hoogganaan biirichaa obbo Abdulfattaa Yesuuf ibsaniiru.

Bara 2013tti daldaltootaa dameewwan garagaraatti hojjetan kuma dhibba 1 fi kuma 12 fi 941 eeyyamni daldalaa laatamuu ibsuu ragaan waajjira prees seekireetarii magaalichaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.