Fana: At a Speed of Life!

Oomishti Gabaa Ityoophiyaa baatii 6tti oomisha Birrii biiliyoona 17.5 walbichisiisera

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) – Oomishti Gabaa Ityoophiyaa baatii 6tti oomisha Birrii biiliyoona 17.5 walbichisiisera.
 
Oomisha meetriik toonii 338,253 gabaadhaf dhiyeessuun Birrii biiliyoona 17.52 walbichiisiisuu beeksiseera.
 
Oomishti Gabaa Ityoophiyaa ibsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetif ergeen akka beeksisetti, raawwichi karoorasaarraa caalmaa %5, kan bara darbe yeroo walfakkaataarrammoo caalmaa %28 akka qabu eerera.
 
Kana keessaa bunni %45, saliixiin %31, shaatarri %10, maashoo magariisaan %8, boloqqeen %5 qabaachuu beeksiseera.
 
Wiirtuleen odeeffannoo 66 guutuu biyyattiitti hojii eegalchiifamuus ibseera.
 
Baasii mankuusaaf baasaa ture hambisuuf mankuusaawwan ijaarsisaa jiraachuus eerera.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.