Fana: At a Speed of Life!

Oomishtootaa fi Shamattoota kallattiin walitti fuduuf hojiin eegalame cimee itti fufa – aadda Adaanachi Abeebee

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee gabaasa raawwii hojii baatiwwan jahaa Biiroo Barnootaa, Daldalaa fi  Nageenyaa dhiyeessaniiru.
Magaalichaatti hirmaannaa ummataa fi qindoomina qaamolee nageenyaan badiin qaqqabuuf ture fashalaa’uu ibsaniiru.
Karoora qaamolee ergama garee ABUT irraa fudhachuun nageenya magaalichaa booreessuuf socha’aa turan fashaleessuuf hojii hojjetameen Boombiin harkaa 90, Kilaash Kooviin 944, Shugguxiiwwan 693 to’atamuu gabaasa isaanii ibsaniiru.
Qaala’iinsa jireenya hir’isuuf sirni Oomishtootaa fi Shamattoota kallattiin walitti fiduu cimee kan itti fufuu ta’uu ibsaniiru.
Baatiwwan jahaan darbaniitti Sukkaarri kuntaalli kumni dhibbi 5 fi kumni 56 olii fi Zayitiin nyaataa liitirri miiliyoonni 31 hawaasaaf raabsamuu eeraniiru.
Daldala seeraan alaa to’achuuf dhaabbilee daldalaa kuma dhibba 2 fi kuma 92 ol irratti to’annoo fi hordoffiin taasiifamuu himaniiru.
Aadde Adaanach,dhaabbilee daldalaa seeraan ala oomisha kuusaanii fi daballii gatii taasiisan irratti tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa fudhatamuu himaniiru.
Sagantaan nyaataa manneen barnootaa barattoota kuma dhibba 3 eegalame gara kuma dhibba 6tti ol guddachuu kaasaniiru.
Barattoota kuma dhibba 6f uffata seeraa, kuma dhibba 3 fi kuma 87 oliif kophee, kuma dhibba 3 fi kuma 50f boorsaan dhiyaachuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.