Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaa keessatti kallattii hundaan tasgabbiin jiraachuu Biiroon Dhimmoota Koomunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksise

Finfinnee, Adoolessa 29, 2012 (FBC) – Biiroon Dhimmoota Koomunikeeshinii Mootummaa Naannoo Orimiyaa haala yeroo naannichaa ilaalchisuun ibsa laatera.
 
Guutuun ibsichaa haala armaan gadiitiin dhiyaatera.
 
Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootumma Naannoo Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa Ibsa haala yeroo irratti guyyaa har’aa miidiyaaleef kennaniin naannoo Oromiyaa keessattii sochiin mul’atu tasgabbii kan qabu ta’uu ibsaniiru.
 
Ajeechaa artistii Beekkamaa fi jaalatamaa Haacaaluu Hundeessaa wajjjin wal-qabatee lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaa qaqabeen Mootummaan naannoo Oromiyaa gaddi guddaan kan itti dhaga’ame ta’ullee hojiin humnoota gocha suukaneessaa raawwatan seeratti dhiyeessuu fi namoota buqa’an deebisanii ijaaruu ciminnaan hojjatamaa jira jedhan.
 
Shira kaayyoo diinaa alaa fi keessan qindaa’een naannoo Oromiyaa fi Ummata Oromoo irratti agaamamaa jiru deeggarsa ummataatin osoo hin milkaa’in hafee jira jiedhan.
 
Mootummaan naannichaa gochoota humnoota badii TPLF fi Shaneen naannoo Oromiyaa irratti xiyyeefachuun gocha badii hojjachaa jiran dura dhaabbachuun tasgabbii sabaaf sablammoota naannichatti argamanii lafa qabsiisuun biyya hundaaf mijooftuu akka taatuuf miira yeroo hin qabneen hojjachaa jiraachuus ibsaniiru.
 
Ololli Ummata Oromoon sabaa fi amantiin walittii buusuuf yaalamaa ture kan safuu fi duudhaa ummata Oromoo bakka hin buune waan ta’ee fashalaa’uu danda’eeras jedhan Obbo Geetaachoon.
 
Uggurri Geejjibaa fi Lagannaan gabaa yeroo afraffaaf naannoo Oromiyaa keessatti labsamee ture ummanni dura dhaabbachuun,nuti kan lagannuu gocha badii keessani malee misooma hin lagannuu jechuun harkaa fashaleessee jira jedhan.
Humni badii TPLF kan ummataaf yaaduu hin dandeenye yeroo dhibeen COVID -19 Addunyaa weraraa jirutti filannoo gaggeessuu qaba jechuun quuqama lubbuu namaatif kan hin qabne ta’uu agarsiiftuu guddaadha.
 
Humni kun kaleessa Ummata sabaan fi Amantaa addaa baasee diigaa,ajeesaa fi bittinneessa ture har’a waan ummataaf yaade fakkaachuun biyya diiguu hin danda’us jedhan Obbo Geetaachoon.
 
Qaamonni naannoo Oromiyaa jeequmsa keessa galchuun sochii misoomaa gufachiisuun invastimantiin akka hin babal’annee gochuuf socho’aa jiran Ummanni saaxilee dabarsee kennuun seeraf akka dhiyaatan gochuu akka qabanis dhaamaniiru.
 
Humnoonni Oromiyaa dirree jeequmsaa gochuu barbaadan kan Ummata Oromoo hin beeknee fi humnoota kaleessa hojii badii hojjachuu barateedha.Mootummaan gochoota humnoota badiitin yeroo yeroon raawwatamu qolachuudhan Hidha laga abbaay marsaa jalqabaa guutuun milkaa’ee jira.
 
Amma mootummaan Ummata bal’aa wajjiin ta’uun hojiilee misoomaa fi nageenyaa lafa qabsiisuuf cimsee kan hojjatu ta’uu Obbo Geetaachoon dubbataniiru.
 
Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti qabame milkeessuuf naannoon Oromiyaa guyyaa tokkotti biqiltuu mil.304 dhaabuuf karoorfattee miliyoona 327 fi kuma 339 fi 570 dhaabuun deeggarsa Uummataatin danda’amee jiras jedhan.
 
Akka naannoo Oromiyaatti keenna tajaajila lammummaatiin ganna kana keessatti hojjiin baruuf barsiisuu naannichatti lafa qabsiisuuf Manneen Barnoota 10 keessatti daree dabalataa 3 ijaaruuf hojjatamaa jiraachuu fi Manneen Kitaabaa ijaaruuf hojjatamaa jiraachuus ibsaniiru.
 
Dhumarratti sochii Ummanni kallattii hundaan hojii olantummaa seeraa kabachiiisuuf hirmmaannaa taasisaa jiraniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa kan galateefatu ta’uu Obbo Geetaachoon ibsaniiru.
 
Ummanni dhibee balaafama COVID-19 gorsa ogeeyyii fayyaa hojirra ollchuun fageenya isaa eeggachuu fi haguuggii fuulaa fayyadamuun ofirraa ittisuu akka qaban dhaamaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.