Fana: At a Speed of Life!

Maashinoonni qonnaa ammayyaa’oo 390 qonnaan bultootaf dabarfaman

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC) – Maashinoonni qonnaa ammayyaa’oo 390 qonnaan bultootaf dabarfaman.
 
Guyyaa har’aa magaalaa Shaashamanneetti traaktaroonni 310, maashinoonni midhaan haaman (koombaaynaroonni) 80 qonnaan bultootaaf kennamaniiru.
 
Sirna dabarsaa kanarratti preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, bulchaan Baankii Biyyoolessaa Ityoophiyaa Dooktar Yinnaagar Dasee, itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa, sadarkaa itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessaan kilaastara baadiyyaa Dooktar Girmaa Amantee dabalatee qondaaltonni mootummaa fi keessummoonni argamaniiru.
 
Dhaabbanni Daldalaa Oomisha Maashinoota Qonnaa fi Daldala Walii Galaa Keenyaa guyyaa har’aa traaktaroota ammayyaa qonnaan bultootaf laatera.
 
Dhaabbatichi kana duras marsaa sadiin traaktaroota 427 qonnaan bultootaa fi dargaggoota gurmaa’aniif raabsera.
 
Meeshaalee qonnaa ammayyaa kanaan lafti heektaarri kumni dhibbi 7 fi kumni 17 ol misoomera.
 
Keenyaan erga hundeeffamee waggaa sadi kan guute yoo ta’u, kan harraa dabalatee traaktaroota ammayyaa 737 fi kombaaynaroota 80 qonnaan bultootaa fi dargaggoota gurmaa’aniif dabarsuusaa hoji gaggeessaan dhaabbatichaa obbo Furoo Baqataa himaniiru.
 
Carraan hojii namoota kuma lamaaf uumamuusaas ibsaniiru.
 
Daagmaawii Daksiisaatu Gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.