Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaan qajeelfama dambii bulchiinsa liqii calla guddistuu haaraa ifoomse

Finfinnee, Eebila 22, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa qajeelfama dambii haaraa bulchiinsa liqii calla guddistuu hojiirra akka oolu ifoomse.
 
Qajeelfamni dambii haaran qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa giddugaleessa godhachuun liqii calla guddistuu irratti qorannoon deeggaramuun hundeeffame torbee dhufurraa kaasee hojitti kan galu ta’a jedhan sadarkaa itti aanaa preezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessaan kilaastara misooma baadiyaa Dooktar Girmaa Amanteen.
 
Iaala itti fayyadama calla guddistuu irratti hanqinni kan ture ta’uu ibsuun qajeelfamni dambii haaraan hojiirra oolaa jiru rakkoowwan gama dhiyyeesiis ta’ee hanqina qonnaan bulaa biratti mul’atu kan furudha jedhaniiru.
 
Sirna keenniinsa calla guddistuurratti harcaatin uumamaa kan turee fi liqii fudhatan deebisuurratti rakkoon kan ture yoo ta’u qajeelfama dambii haraa keessatti kan fooyya’ee jedhan.
 
Dambii bulchiinsa liqii calla guddistuu keeaassatti xaa’oo, sanyii filatamaa, nooraa fi galteewwan beeyladaa dabalateen bu’uuran kan hammatamedha jedheera Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.
 
Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen gama isaanitiin qonnaan bulaa faayyadamaa taasisuuf haalli buchiinsa liqii calla guddistuu mijatuun murteessaa ta’uu eeraniiru.
 
Xaa’oo, makaanaayzeeshinii irratti xiyyeeffachuun hojjachuun barbaachisaadha jedhan.
 
Dambii keessatti gosoonni liqii, sirni kenniinsa liqii, haala kaffaltii liqii fii bulchiinsa liqiirratti ifaan kan taa’e ta’uu obbo Dhaabaan dubbataniiru.
 
Gama meeshaalee oomisha qonnaa wajjiin wal qabatee mootummaan naannoo Oromiyaa haala mijeessaa kan jiruu fi meeshaalii akka paampii, tiraaktaraa fi meeshaalee bu’uuraa qonnaa ta’an irratti xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuus himaniiru.
 
Hoogganaan Biiroo Misooma Walta’iinsa Diinagdee Oromiyaa obbo Tolosaa Gaddafaan qabeenyi guddan lafa waan ta’eef sirna oomishaa fi oomishtummaa dabaluu irratti hojjechuun murteessaa ta’uu ibsan.
 
Dhiyeessii faaynansii wajjiin wal qabatee hudhaan kan turee fi haala amma jiruun rakkichi furamuun gara hojiitti kan galame ta’uu dubbataniiru.
 
Kenniinsaa liqii fi liqii deebisarratti hanqinni jiraachuu ibsuu dambii haaraa keessatti mootummaan wabii qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa ta’uun kan hojjatamu ta’uu dubbataniiru.
 
 
 
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.