Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaan ragaa hojjettoota naannichaa kuma dhibba 5 diijitaala taasiisuuf hojjechaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (FBC) – Biiroon Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa ragaa hojjettoota naannichaa kuma dhibba 5 diijitaala taasiisuuf hojjechaa jiraachuu beeksise

Jilli Ministir Deettaa Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ahimaddiin Mahammadiin durfamu Biiroo Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaatti hojiilee diijitalaayzeeshii hojjetamaa jiru daawwateera.

 

Biirichi ragaa hojjetoota dhaabbilee naannichaan keessa hojjetanii kuma dhibba 5 ol gara diijitaalaatti jijjiiruuf hojjetaa jiraachuu beeksiseera.

 

Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii tattaaffii taasiifamaa jiru kan deeeggaru ta’uu Dooktar Ahimaddiin Mahammadiin dubbataniiru.

 

Hogganaan Biiroo Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Namarraa Bulii milkaa’ina hojichaaf ministeerichi deeggarsa akka taasiisu gaafataniiru.

 

Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Saayinsii fi teeknooloojii odeeffannoo Oromiyaa Injiinar Jimaa Tulluu Infoormeeshiinii diijitaalaa naannichaa ariifachiisuu fi qindoominaan raawwachuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni muul’isa .

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.