Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaan tasgabbii gabaa fi dhiyeessii oomishaalee qonnaarratti hojjechaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Bitootessa 24, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa sababii tamsa’ina vaayrasii koroonaatin daballiin gatii hin malle akka hin taasifamnee fi hanqinni dhiyeessii oomishaalee qonnaa akka hin mudanne hojjechaa jiraachuu beeksise.
 
Hanga ammaattis dhaabbilee daldalaa daballii gatii hin malle taasisan 3,112 irratti tarkaanfin fudhatameera.
 
Koreen taask foorsii qindoomina seekteroota gabaa, waldaa hojii gamtaa, poolisii fi mana hojii abbaa alangaatin hundaa’e tarkaanfii hanga ammaatti fudhateen dhaabbilee 2,650f of eeggannoo kan kenne yoo ta’u, daldaltoonni 131 yakka gabaa keessatti uumaniin shakkamanii akka seeratti dhiyaatan godhamuu Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksiseera.
 
Dhaabbilee daldalaa babali’na vayirasiif saaxilamoo ta’an irrattis tarkaanfii fudhatameen, manneen puulii/karambullaa 552, manneen shubbisa halkanii 101, manneen dhugaatii 170, manneen Jimaa fi shiishaa 338, manneen fiilmii 11, waliigalatti dhaabbileen 1,172 cufamaniiru.
 
Biiron Qonnaa Oromiyaatis daballiin gatii hin malle oomishaalee nyaataarratti akka hin taasifamnee fi hanqinni dhiyeessii akka hin mudanne oomisha qonnaa bifa qindaa’en gabaadhaf dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.