Oromiyaatti Ayyaanni Cuuphaa duudhaa Amantichaa eeggatee kabajamee xumurameera- KPO
Finfinnee, Amajjii 11, 2017 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti Ayyaanni Cuuphaa bara 2017 karaa duudhaa Amantichaa eeggateen kabajamee xumuramuu Komishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.
Ayyaanichi bifa obbolummaa, kabajaa fi tokkummaa saboota, sablammootaafi uummattootaa agarsiisuun bakka hordoftoonni amantichaa hedduun argamanitti kabajamee nagaan xumuramuu ibseera.
Komishinichi Qaamolee ayyaanichi nagaan akka xumuramuuf gumaachan, Uummata Oromoo, sabaaf sablammoota akkasumas Abbootii Amantaa, qaamolee nageenyaa hundaa galateeffateera.
Ayyaanota fuulduratti kabajamanis, nagaan akka xumuramuuf hawaasni tumsa qaamolee nageenyaaf taasisu cimsee itti fufuu akka qabu waamicha dabarseera.
#Oromia #Ethiopia