Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti barattoonni kumni 323 ol qormaata seensa dhaabbilee barnoota olaanoof qophaa’aa jiru-BBO

Finfinnee, Caamsaa 18, 2015(FBC)-Naannoo Oromiyaatti barattoonni kumnidhibbi 3fi kumni 23 ol qormaata seensa dhaabbilee barnoota olaanoof qophaa’aa jiraachuu Biroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Naannichatti manneen barnoota sadarkaa 2ffaa dhuunfaafi mootummaa kuma1fi 350 ol keessatti barattoonni kumni dhibbi 3fi kumni 23 qormaata seensa dhaabbilee barnoota olaanoo fudhachuuf qophaa’aa jiraachuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Qormaatichi dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti kan kennamu ta’uu yaadachiisuun, manneen barnootaa hedduu keessatti barattoonni barnoota isaanii xumuruun keessaa deebiin barachaa jiru jedhaniiru.

Rakkoon waggaa darbee irra deebiin akka hin mudannefis barattoonni barnoota idileen alaas, qophii xiin sammuu akka taasisaniif hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.