Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Barnoonni bara 2014 Onkoloolessa 3 kan eegalu ta’uu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2014 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti barnoonni bara 2014 Onkoloolessa 3, 2014 kan eegalu ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise.
Biiroon Barnootaa Oromiyaa Ministeera Barnootaa waliin mari’achuun Kaaleendara Barnootaa Oromiyaa kan Bara barnootaa 2014 ifoomseera.
Biirichi guyyaan barnoonni bara barnootaa 2014 Oromiyaatti eegalu Onkoloolessa 3, bara 2014 akka ta’u murteessuu ibsameera.
Barnoota guyyaa jedhametti eegalchiisuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu hundi ammumarraa eegalanii qophii gochuu akka qaban yaadachiiseera.
Barattoonni guyyaa eerametti manneen barnootaatti argamuun barnoota isaanii akka hordofan Biiroon Barnootaa Oromiyaa hubachisuu OBN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.