Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti borurraa eegalee mariin dargaggootaa kan gaggeeffamu ta’uun ibsame

Finfinnee, Amajjii 19, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti boru Amajjii 20, 2015 irraa eegalee dargaggoota sadarkaa Godinaa, Magaalaa, Aanaa fi Gandaa waliin mari’achuuf qophiin taasifamuu Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa ibse.

Itti Gaafatamaan Waajjira Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Adnaan Hajii akka ibseti, murtoowwan yaa’ii 1ffaa Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaatiin darban irratti hubannoo dargaggootaa cimsuudhaaf guutuu Oromiyaatti mariin dargaggootaa ni gaaggeeffama.

Waltajjiin mariin kun caasaa liigichaa sadarkaan jiran cimsuu, nageenyaa fi tokkummaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuu, fayyadamummaa dargaggootaa dhugoomsuu fi dargaggoota obbolummaa sabdaneessa dagaagsuun badhaadhina biyyaatiif tattaafatu horachuuf gumaacha ol’aanaa akka qabu ibsuu ragaan Paartii Badhadhinaa Damee Oromiyaarraa aragme ni mul’isa.

Liigiin dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa mata duree ‘Dargaggeessa Badhaadhina Itoophiyaa fi Afrikaatiif Tattaafatu’ jedhuun yaa’ii 1ffaa magaalaa Adaamaatti gaggeesseen murtoowwan jajjaboo ta’an dabarsuunn isaa ni yaadatama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.