Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti dhaabbilee daldalaa daballii seeran alaa taasisan 200 ol irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Bitootessa 9, 2012 (FBC) – Hawaasni daldalaa yaaddoo vaayrasii koroonaatti dabalataan yaaddoo qaala’iinsa jireenyaa ta’uu akka hin qabne Biiroon Daldalaa Oromiyaa akeekkachise.

Biirichi ibsaa haala yeroorratti kenneen daballiin gatii meeshaaleerratti muul’atu dhaabbachuu akka qabu hubachiisera.

Akka ibsichaatti hanga ammaatti hojiilee to’annoo fi hordoffii taasifameen dhaabbilee daldalaa 200 ol irratti tarkaanfiin fudhatameera.

Keessattuu aalseerummaan magaalaa Adaamaa fi Shaashamanneetti haalan babal’atee akka jiru eeruun, magaalota birootti ammoo tasgabbiin akka muul’atu ibsameera.

Ibsichi magaalaa Duukamitti abbootiin qabeeyaa vaayrasicha ittisuuf waan qabanirraa hawaasaf qooduudhaan hojiin hojjetan akka fakkeenyaatti kan eerramuudha jedha.

Dalaltoonni hawaasarratti yaaddoo dabalataa ta’uu akka hin qabne biirichi hubachiisera.

Daballii hin mallee taasisuun yeroo rakkoo kanatti hawaasa baasii dabalataaf saaxiluun aalseerummaarra darbee quuqama biyyaa dhabuu agarsiisa jedheera biirichi.

Hanqinni dhiyeessii akka hin mudanneef seektaroota dhiyeessii, oomishtootaa, indaastiriiwwanii fi yuuniyeenota waliin ta’uun qindoominaan hojjetamaa akka jiru ibsameera.

Alseerummaa muul’atu ittisuuf hawaasni qaamolee nageenyaa fi qaama dhimmichi ilaallatuuf eeruu kennuun olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti tumsa akka taasisus biirichi gaafateera.

Dabalaa Taaddasaatu gabaase.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.