Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Duulli Qindaa’aa Talaallii Kaansarii fiixee gadameessaa fi Covid-19 eegale

Finfinnee, Eebla 17, 2015 (FBC) – Biiroon Fayyaa Oromiyaa Duula Qindaa’aa Talaallii Kaansarii fiixee gadameessaa fi Covid-19 marsaa 4ffaa har’a magaalaa Mojootti jalqabsiise.

Kaansariin fiixee gadameessaa dhibee lubbuu haadholii hedduu galaafatan keessaa isa yaaddessaa ta’uu eerameera.

Dhibee kana ittisuuf talaalliin barbaachisaa ta’uusaan har’a Duulli talaallichaa eegalamuu himameera.

Talaallichi shamarran umuriinsaanii waggaa 14 gaheef kan kennamu ta’uu ibsameera.

Dhibeen Covid -19 yeroodhaa gara yerootti of jijjiiraa dhufuun lubbuu namaaf yaaddoo ta’uusaan talaalliin marsaa 4ffaa ijoollee umurii waggaa 12 jalqabee kan laatamu ta’uu eerameera.

Lubbuu lammiilee sababa dhibee kanaan darbu baraaruuf qaamni hundi milkaa’ina talaalichaaf qooda irraa eegamu akka ba’an waamichi dhiyaateera.

Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.