Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbetiin namoonni 55 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Adoolessa 29, 2012 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti sa’aa 24 darbanitti qorannoo laabraatoorii namoota 1,212f hojjetameen namoota 55 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu ibsame.
 
Umriin isaanii waggaa 3 hanga 65 gidduutti argama.
 
Koorniyaadhaan 38 dhiiroota yoo ta’an, 17 dubartoota.
 
Namoonni haaraan 11 ammoo dhibichaarraa kan dandamatan yoo ta’u, waliigala namoonni 402 damataniiru.
 
Waliigala naannoo Oromiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 1,636 ga’uu Biiroon Eeggumsa Fayyaa oromiyaa beeksiseera.
 
Namoonni 1,210 yaalarratti argamu.
 
Hanga ammaatti namoonni 24 lubbuun darbaniiru.
 
Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenaa hanga guyyaa kanaatti naannoo Oromiyaatti namootaa 47,262f qorannoon laabraatoorii hojjeatameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.