Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti ji’oottan 6’n darban galiin Birrii biiliyoona 37 ol walitti qabame

Finfinnee, Amajjii 19, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti Baatiiwwan ja’an darban galiin Birrii biiliyoona 37 walitti qabamuu Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa beeksise.

Hoggantuun Biirichaa Aadde maskaram Dabbabaa akka ibsanitti galii idilee Birrii biiliyoona 31.3 ol, mana qopheessaa Birriin biiliyoona 5.7 ol walitti qabameera.

Galiin walitti qabame kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo walbira qabamu %49 caalmaa akka qabu ibsuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.