Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti lafa hektaara miiliyoona 3 ol irraa oomishni sassaabamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 23, 2014 (FBC) – Oromiyaatti oomishinni lafa hektaara miliyoona 6 fi kuma dhibba 3 qonna gannaatiin misoome keessaa hanga ammaatti oomishinni  hektaara miiliyoona 3 ol irraa sassaabamuu ibsameera.

Hojiin duula sassabbii oomisha midhaanii guyyaa har’aa hojjettoota Ministeera Qonnaa fi Sekteraalee Ministeerichatti wamaman 10 irraa walitti babba’an hirmaachise gaggeeffameera.

Hojii kanaan Godina Addaa Naannawaa Finfinnee Aanaa Sabataa Hawasitti bifa ho’aa ta’een oomishinni  qonnaan bultootaa maatiin  isaanii  birmadummaa biyyaa eegsisuuf duulanii fi oomishinni qonnaan bultoota humna hin qabne walitti qabamuu ibsameera.

Oomisha sassaabbiif ga’e hektaara miiliyoona 3 fi kuma dhibba 4 keessaa hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoona 3 olirraa oomishni sassaabamuu eerameera.

Kan hafes akkuma sassaabbiif gaheen hawaasni walgargaaree sassaabuu kan itti fufu ta’uu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.